Oromiyaatti Gabaawwan Sanbataa gara giddugala Gabaa Sadarkaa isaanii eeggatanitti guddisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Hagayya 22, 2017 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti Gabaawwan Sanbataa gara Giddugala Gabaa Sadarkaa isaanii eeggatanitti guddisuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Daldalaa Oromiyaa.

Naannichatti gabaawwan Sanbataa 594 ol jiraachuu Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Daldalaa Oromiyaa Obbo Tasfaayee Goshuu Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Gabaawwan Sanbataa qaala’iinsa gatii tasgabeessuu keessatti gahee olaanaa bahaachaa jiru jedhan.

Gabaawwaan Sanbataa kanneen gara giddugala gabaa Sadarkaa isaanii eeggatanitti guddisuuf giddugaloota kuma 2 fi 160 ol ijaaruuf karoorfamee hanga ammaatti %94 ijaaramuu kaasaniiru.

Giddugaloota kanneeniif hojiin sadarkaa baasuu qindoomina Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaan kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Giddugaloonni gabaa ijaaraman kunneen sadarkaa isaanii eeguufi dhisuu hojiin adda baasuu kan hojjetamuu ta’uu kaasaniiru.

Giddugaloonni kunneen qonnaan bultootaa fi shamattoota kallattiin kan wal qunnamsiisan ta’uu iibsuun, qaamoolee lameen giddu walitti dhufeenyi jiru guddachaa jiraachuu eeraniiru.

Akkasumas Ayyaanotaaf rakkoon dhiyyeessii oomishaalee akka hin mudanneef qindoominaan hojjetamaa jiraachuu obbo Tasfaayeen himaniiru.

Tasgabbii gabaaf dhiyeessiin murteessaa ta’uu kaasuun, isa cinatti to’annoo fi hordoffiis ni taasifama jedhan.

Fooyya’iinsa miindaa hojjettoota Mootummaaf taasifame sababeeffachuun oomishaalee irratti daballiin gatii akka hin taasifamneefis hordoffiin cimaan taasifamaa jiraachuu himan.

Wayita ammaa daldaltootaa fi hawaasaaf hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Daldaltoota hawaasaa irratti daballii gatii hin malle taasisan irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa kan fudhatamu ta’uu dubbataniiru.

Hawaasni daldaltoota daballi gatii taasisan wayita argu eeruu kennuu akka qabu dhaamaniiru.

Warshaaleen indaastirii oomishaalee akka Paastaa, Makooronnii fi Daakuu oomishaan gabaa sanbataatti oomisha isaanii akka dhiyeessan obbo Tasfaayeen waamicha dhiyeessaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment