Oromiyaatti gibira karooraa ol sassaabuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa cimsee hojjetaa jira – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 13, 2018(FMC) – Oromiyaatti gibira bara 2018 karooraa ol sassaabuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa cimsee hojjetaa jira jedhan Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Naannichi Kaffaltoota gibiraa amanamummaan dirqama isaanii bahataniifis beekamtii kennuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.

“Galiin gibiraa naannoo keenyaa waggoota torba dura bil. 16 kan hincaalle yoota’u, jijjiiramaa as dabalaa dhufuun bara kana gamanumaa birrii bil. 200 darbaa jira. Kanaafis, hojiileen dandeettii galii maddisiisuu dinagdeefi dandeettii galii sassaabuu sektara galii irratti raawwatame akka jabinaatti kaasuun nidanda’ama.

Hundaa’ol garuu gaheen abbootii qabeenyaa amanamummaan dirqama isaanii bahatanii olaanadha.

Gahee olaanaa kanaaf, maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galatoomaa jechuun barbaada.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa abbootii qabeenyaa dirqama gibiraa isaanii amanamummaan bahatan jajjabeessaa tureera.

Akkaatuma kanaan, tokkoffaa kaffaltoota gibiraa guyyaa har’aa beekamtii ‘pilaatiniyamii’ argataniif, tajaajila barbaadan kamuu mootummaan bakka hojii isaanitti dhiyeessuf murteessera. Lammaffaa, kaffaltoota gibiraa guyyaa har’aa beekamtii argatan maraaf, waraqaa eenyummaa addaa waajjiraalee naannoo keenyaa tajaajilaaf deeman hundatti dursa ittiin argatan kennuuf murteessera.

Sadaffaa, naannoo keenya keessatti invastimantii dabalataa gaggeessuu yoobarbaadan, dursa akka argatan murteesseera. Murteewwan kunniin, yeroo dhufuttis kan armaan duraa caalaa bu’a qabeessa akka ta’an yaadameeti. Misoomni naannoo keenyaa, sadarkuma abbootiin qabeenyaa keenya itti cimaniin kan socho’uufi guddatuu dha.

Sassaabbii gibiraa bara kanas karooraa oliin goolabuuf, mootummaan hawaasa daldalaatiif tajaajila ariitii, si’oominaafi qulqullina qabu kan dhiyeessu ta’a.

Gama birootiin, abbootiin qabeenyaa kaffaltoota gibiraa ta’an walitti dhufeenya angaa’ota mootummaa waliin qaban hojmaatafi duudhaan masakuun dirqama isaanii akka bahatan yaadachiisuun barbaada.

Ummanni baldhaa gama isaatiin, bittaa gaggeessu kamuu seera gibiraa eeguun ittigaafatamummaa isaa akka bahatu imaanaa jechuun barbaada.

Walumaagalatti, waggoottan darban galiin keenya dabalaa dhufus, dilbiiwwan dinagdee naannoo keenyaatiin walbiratti yemmuu ilaalamu ammallee tarkaanfii jalqabaa irratti argama. Fedhiin misoomaa ummata keenyaas galii yeroo ammaa sassaabamaa jiruun goonkumaaa kan deebi’uu miti.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa galiin naannichaa biliyoona bira taree gara tiriliyoonotaatti akka ce’u, sochiilee dinagdee naannichaa qixa kanaan tumsuuf yeroo kamuu caala qophii ta’uu kanan mirkaneessu ta’a.

Dhumarrattus, abbootiin qabeenyaa hojiirratti argamtaniifi haaraan, carraa kanatti fayyadamuun invastimantii dabalataafi haaraa akka gaggeessitan waamicha taasisuun barbaada.”

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment