Oromiyaatti hanga ammaatti lafti hektaarri miliyoonni 2.168 ol ta`u irratti Qamadiin Bonee faca’e

Finfinnee, Mudde 8, 2018 (FMC) – Misooma qamadii waktii bonaa hojjetamaa jiruunis guutuu Oromiyaatti hanga ammaatti lafti hektaarri miliyoonni 2.168 ol ta`u faca’eeera.

Inisheetiviwwan adda addaa bocuun wabii nyaataafi misooma diinagdee itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf tarkaanfii tarsiimawaan fudhatameera.

Inisheetivii bocaman keessaa tokko misooma qamadii yoo ta`u, Inisheetiviin kun qonnaan bultootaafi abbootii qabeenyaa walitti hidhuun oomisha dabaluufi qulqullina fooyyessuu irratti bu’aa fideera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas cabiinsa diinagdee jiru dandamachiisuun imala badhaadhinaa milkeessuuf rifoormii diinagdee gooroo shan akka biyyaatti ba`an hojiirra oolchuun keessuma gama damee qonnaan misooma qamadii bonaan hojii guddaa hojjechaa jira.

Misoomni qonnaas wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbuun oomisha gabaa addunyaarratti barbaadamaniifi dorgomaa ta’an oomishuuf waktii hunda hojjetamaa jira.

Misooma qamadii waktii bonaa hojjetamaa jiruunis guutuu Oromiyaatti lafa hektaara miiliyoona 4 misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti hektaarri miiliyoonni 2.7 ol kan misoome yoo ta’u, hektaarri miliyoonni 2.168 ol ta`u ammoo faca’uu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment