Oromiyaatti hojii gabaa tasgabbeessuuf hojjetameen bu’aan argamaa jira -BDO

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2018 (FMC) –Naannoo Oromiyaatti kurmaana jalqabaatti hojii gabaa tasgabeessuufi qaal’iinsa jireenyaa hir’isuuf hojjetameen bu’aan argamaa jira jedhe Biiroon Daldalaa Naannichaa.

Naannichatti gabaa tasgbeessuuf hojiin dhiyeessii guddisuu fi hordoffii cimee itti fufuu Hogganaa itti aanaan Biiroo Daldalaa Oromiyaa obbo Tasfaayee Goshuu ibsaniiru.

Kurmaana jalqabaatti qooda fudhattoota waliin ta’uun hojiin daldala seeraan alaa ittisuufi hubannoo uumuu hojjetamuu dubbataniiru.

Daldala seeraan alaa ittisuu cinatti waliingahiinsi oomishaa akka babal’atu taasisuun dhiyeessii fi fedhiin akka wal simuuf hojjetamaa turuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan oomishaalee qonnaa fi bu’aalee oomisha indaastirii nyaataf oolan, qulqullinaa fi gatii madaalawaan gabaa sanbataa , baazaarii fi egzibishinii irratti hawaasaaf akka dhiyaatan taasifamuu ibsaniiru.

Kurmaana jalqabaatti gabaa sanbataa haaraan 19 akka hundeeffamu taasifamuu ibsuun, waliigala gabaan sanbataa Naannoo Oromiyaa keessa jiru 590 qaqqabuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo Marsariitii

www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment