Oromiyaatti hojii tajaajila lammummaan barattoota kuma 500 oliif barnoonni tiitooriyaalii kennamaa jira-BBO

Finfinnee, Hagayya 8, 2017(FMC)- Naannoo Oromiyaatti hojii tajaajila lammummaan barattoota kuma 500 fi kuma 63 oliif barnoonni tiitooriyaalii kennamaa jira jedhe Biiroon Barnootaa naannichaa.

Naannichatti hojii tajaajila lammummaa damee barnootaarratti hojjetamu milkeessuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru ibsameera.

Itti aantuun Hogganaa Biirichaa Aadde Habiibaa Muhaammad Faanaa Diijitaaliitti akka himanitti, barattoota kutaa 6ffaa, 8ffaa, 10ffaa, 11ffaafi 12ffaa kuma 500 fi kuma 63 oliif barnoonni tiitooriyaalii kennamaa jira.

Gaheessota kuma 34 fi 100 oliif barnoonni gaheessotaa hojii tajaajila lammummaan kennamaa jiraachuus himaniiru.

Kana malees bara kana manneen barnootaa bu’uura boruu kuma 2 fi 853 ijaaruuf karoorfamuu ibsanii, kanneen keessaa kumni lamaafi 140 hanga xumura baatii Fulbaanaatti kan ijaaraman ta’uufi ijaarsi manneen barnootaa bu’uura boruu 875 eegalamuu himan.

Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa 170 bara kana hojii tajaajila lammummaan kan ijaaraman ta’uufi kanneen keessaa 128 hanga baatii Fulbaana 30’tti akka ijaaraman eeran.

Ijaarsi diijitaal paarkiis hojii tajaajila lammummaan akka hojjetamu kan ibsan aadde Habiibaan, bara kana diijitaal paarkiin 438 ni ijaaramu jedhan.

Tajaajila kanaan Baadiyyaatti manneen jireenyaa barsiisotaa kuma 29 fi 822 ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu fi ijaarsi manneen kuma 400 olii eegalamuu ibsan.

Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa keessatti dareewwan dabalataa kuma 29 fi 683, manneen barnootaa bu’uura boruu keessatti ammoo dareewwan dabalataa kuma tokkoofi 500 ol tajaajila lammummaan kan ijaaraman ta’uus ibsaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment