Oromiyaatti hojiin eegumsa biyyeefi bishaanii sululawwan kuma 6 fi 386 irratti hojjetama

Finfinnee, Mudde 16, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti lafa heektaara miiliyoona 3 fi kuma 100 fi kuma 93 ol irratti hojii eegumsa biyyeefi bishaanii hojjechuuf qophiin xumurameera jedhe Biiroon Qonnaa Naannichaa.

Biirichatti Daayrektarri Misoomaafi Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Tasfaayee Birruun, hojii eegumsa biyyeefi bishaanii milkaa’inaan raawwachuuf qophiin taasifameera jedhan.

Hawaasni hojii kanarratti dammaqinaan akka hirmaatuuf hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Naannichatti lafa heektaara miiliyoona 3 fi kuma 100 fi kuma 93 irratti hojii eegumsa biyyeefi bishaanii hojjechuuf karoorfamuu kaasanii, hojii kanarratti lammiileen miiliyoonni 9 fi kumni 800 kan hirmaatan ta’uu ibsaniiru.

Naannichatti sululawwan hojiin eegumsa biyyeefi bishaanii irratti hojjetamu kumni 6 fi 386 adda bahuus eeraniiru.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment