Oromiyaatti Karoora dijitaal Itiyoophiyaa 2030 dhugoomsuuf…

Finfinnee, Amajjii 2, 2018 (FMC)_ Naannoo Oromiyaatti karoora diijitaal Itiyoophiyaa qabame dhugoomsuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jira jedhe Biiroon Kominikeeshinii naannichaa.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa Komishiiniin Manneen Amala Sirreessaa Oromiyaa moosaajii Abbaa Taayitaa Saayinsiifi Teeknolojii Oromiyaatiin hojjetame bakka hooggantoonni olaanoo argamanitti eebbisiiseera.

Komishinarri Manneen Amala Sirreessaa Oromiyaa Komishinar Shaafii Huseen, komishinichi jijjiiramaa as riifoormiiwwan garaagaraa gaggeessuun tajaajila kennamu ammayyeessuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachaa jira jedhan

Komishinicha sirreeffamtoota seeraan tiksuu, fedhiiwwan bu’uraa guutuufi leenjisuufi hubannoo kennuun gara hawaasaatti wayita makaman misooma keessatti adda durummaan qooda akka fudhatan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Moosaajiin guyyaa har’aa eebbifames qabiinsa ragaa dijitaalaa haqa, iftoominaafi itti gaafatamummaa kan mirkaneessuudha jedhan.

Moosaajiichi riifoormiiwwan eegalaman fiixaan baasuun tajaajila komishinichi kennu gara boqonnaa haaraatti kan ceesisu akka ta’e ibsaniiru.

Daareektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Saayinsiifi Teeknolojii Oromiyaa Obbo Makoonnin Bayyanaa gamasaaniin, abbaan taayitichaa karoora Itiyoophiyaa dijitaalaa 2030 karoorfatte milkeessuuf manneen hojii tajaajila kennan dijitaaleessuun hojjetamaa jira jedhan.

Sirni dijitaalaa bu’aa qaroominaa isa olaanaa ta’uu dubbatan.

Mootummaanis kana hubachuun dhaloota haala barame keessaa bahuun sirna dijitaalaatti madaquun sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta’e horachuuf hojjetaa jira jedhan.

Kanaanis hawaasa egeree dijitaalaa teknooloojii kalaqu danda’uufi ofirra darbuun addunyaaf gumaachuu oomishuuf xiyyeeffannaa olaanaan hojjetamaa jiraachuu obbo Makoonnin himuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment