Oromiyaatti Kurmaana 1ffaa keessa galiin Birrii biiliyoonni 64 ol walitti qabame

Finfinnee, Onkoloolessa 5, 2018(FMC)- Naannoo Oromiyaatti bara baajataa 2018 kurmaana jalqabaa galiin Birriin biiliyoona 64 fi miiliyoona 100 walitti qabameera jedhe Biiroon Galiiwwan Oromiyaa.

Hogganaan Biirichaa Obbo Tasfaayee Tulluu bara kana maddoota galii garaagaraarraa Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 87 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhan.

Haaluma Kanaan kurmaana jalqabaan Birrii biiliyoona biliyoona 65 fi miiliyoona 800 walitti qabuuf karoorfamee, Birrii biiliyoonni 64 fi miiliyoonni 100 walitti qabamuu eeran.

Sirna sassaabbii galii teeknooloojiin ammayyeessuuf hojiin eegalamuu kaasanii, kunis, hannaafi saamicha galii hambisuun cinatti yeroofi baasii akkasumas dhamaatii abbaa dhimmaa kan hir’isuudha jedhan.

Magaalonni naannichaa 12 gara tajaajila teknooloojii sassaabbii galiitti akka dhufaniif hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

Galiin naannichaa waggoottan torban darban keessatti dabalaa dhufuu yaadachiisuun, galiin walitti qabamaa jiru guddina diinagdee naannichaa waliin waan wal hin simneef hojii guddaa barbaada jedhan.

Carraawwan naannichi qabu adda baasuuniifi seeraan alummaa sassaabbii galii keessa jiru hubannoo uumuun sirreessuuf akkasumas kan seerarra darbe tarkaanfii seeraa fudhachuun sirreessuun galiin naannichaa sadarkaa barbaadamuun akka sassaabamuuf kan hojjetamu ta’uu ibsuusaanii ragaan BKO Irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment