Oromiyaatti namoonni kumni 100 fi kumni 90 ol leenjii koodaroota Itiyoophiyaa fudhataniiru jedhame

Finfinnee, Caamsaa 1, 2017(FMC)- Naannoo Oromiyaatti namoonni kumni 100 fi kumni 90 ol leenjii koodaroota Itiyoophiyaa fudhachuu Abbaan Taayitaa Saayinsiifi Teeknooloojii naannichaa beeksise.

Naannichatti leenjii koodaroota Itiyoophiyaa miiliyoona 5’n namoota kuma 300 fi kuma 40’f kennuuf karoorfamee hanga ammaatti namoota kuma 100 fi kuma 96’f kennamuu Itti aanaan Daayrektara Olaanaa Abbaa Taayitichaa Injinar Jimaa Tulluun ibsaniiru.

Raawwiin isaa % 64 ta’uu kaasuun, karoora qabameen yoo madaalamu quubsaa akka hin taane turtii Faanaa Miidiyaa Korporeeshin waliin taasisaniin himaniiru.

Karoora qabame milkeessuuf baatiiwwan 4 hafanitti bifa addaan irratti hojjetamuuf akka karoorfame eeraniiru.

Galmi leenjii kanaas namoonni ogummaa kana horatanii dorgomaa akka ta’aniifi hojii kalaquun ittiin qabeenya akka horataniif ta’uu kaasaniiru.

Namoonni leenjicha fudhachuun sertifikeetii argatanis faayidaa addaa addaa itti argachaa jiraachuu ibsaniiru.

Addunyaa waliin dorgomuuf leenjiin kun barbaachisaa ta’uu kaasanii namni kamuu leenji’uu akka qabu dubbataniiru.

Ayyaanaa Dheeressaatiin.

Comments (0)
Add Comment