Oromiyaatti oomishni Qamadii jallisii boneen misoome heektaarri kumni dhibbi 1 fi kumni 30 ol sassabamuu eegale

Finfinnee, Bitootessa 3, 2013 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti oomishni Qamadii jallisii boneen misoome heektaarri kumni dhibbi 1 fi kumni 30 ol sassabamuu kan eegalee yoo ta’u, naannoo Amaaraatti ammoo qamadiin jallisii boneen uwwifamee abdii qabachuu ibsameera.

Marsaa jalqabaatin oomishni qamadii boneen naannolee hundaatti bu’aa garii kan argamsiisee  ta’u hooggantonni naannoo lamaanii Faanaa Broodkaastiing Korpooreettitti himaniiru.

Naannoo Oromiyaatti itti aanaa biiroo qonnaa fi qindeessaa proojaktii qamadii obbo Xahaa Muummeen akka himanitti, bara baajata qabameetti misooma jallisii booneetin heektara kuma dhibba 1 fi kuma 60 misoomsuuf karoorfameen heektarri kumni dhibbi 1 fi kumni 30 ol misoomsuun danda’ameera jedhan.

Marsaa jalqabaatin hojiin qamadii facaafame sassabuu eegalameera.

Haaluma walfakkatuun naannoo Amaaraatti bara baajata qabameetti misooma jallisii qamadii heekta kuma 17 fi 731 misoomsuuf karoorfameen heektarri kumni 13 sanyiin uuwwifameera.

Itti aanaan biiroo qonnaa naannichaa obbo Tasfaahuun Mangistee akka himanitti, qamadiin facafamee abdii qabachuu himaniiru.

Sisaay Geetinnatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment