Oromiyaatti oomishtootaafi daldaltoota gidduutti walitti hidhamiinsa gabaa cimsuuf hojjetamaa jira- Biiricha

Finfinnee, Mudde 9, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti oomishtootaafi daldaltoota gidduutti walitti hidhamiinsa gabaa cimsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe Biiroon Daldalaa Naannichaa.

Hogganaa Itti aanaan Biirichaa Andu’aalam Abbabaa Faanaa Dijiitaaliitti akka himanitti naannichatti oomishaalee qonnaa, indaastiriifi kanneen biroorratti tasgabbii gatii uumuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufeera.

Oomishtoonni oomishaalee isaanii haala sirrii ta’een daldaltootaaf akka dhiyeessaniif hojiin walitti hidhamiinsa gabaa uumuu hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.

Oomishaaleen gahaan gabaaf akka dhiyaataniifi hawaasa shammattootaa akka qaqqabuuf gabaa Sanbataafi Dilbataa babal’isuuf hojjetamuus kaasaniiru.

Yeroo ammaa naannichatti gabaawwan Sanbataafi Dilbataa 660 ol jiraachuu eeruun, yeroo itti aanutti qulqullina, baayinaafi gosoota oomishaa gabaaf dhiyaatan guddisuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Faddaaltotaafi kellaawwan seeraan alaa daballii gatiif sababa ta’an irratti tarkaanfii fudhachuun sirna gabaa keessaa baasuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Daldaaltota oomisha dhoksuun gabaa jeequuf hojjetan irratti hordoffii cimaa taasisuun tarkaanfiin fudhatamaa jira jedhan.

Hawaasni daldaaltota daballii gatii taasisaniifi oomishaalee dhoksan wayita argu eeruu akka kennus gaafataniiru.

Kenniinsa tajaajilaa fooyyessuuf teeknooloojiin deeggaramuun sirna ‘ETrade’ diriirsuun daldaaltonni bakkuma jiran taa’anii karaa oonlaayinii tajaajila akka argataniif kutannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Baatiiwwan arfan darbanittis daldaltoota kuma 74 oliif karaa oonlaayinii eeyyamni kennamuu kaasanii, daldaltoonni 73% ammoo eeyyama daldalaa isaanii oonlaayiniin haaromsuu eeraniiru.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment