Finfinnee, Waxabajjii 29, 2017 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti piroojektoonni jallisiifi Finnaa hojjetamaa jiran hawaasa hirkaatummaa dinaagdee jalaa baasuu danda’aniiru jedhan Gorsaan Piroojektootaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoon.
Piroojektoonni jallisiifi Finnaa akka naannichaatti hojjetamaa jiran oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa dabaluu Ambaasaddar Shiffaraan ibsaniiru.
Oromiyaatti piroojektoonni Finnaa 70 ta’an hojjetamaa jiraachuu fi 40’n ammoo xumuramuu dubbataniiru.
Mootummaan naannichaas milkaa’ina piroojektootaa fi haala jiruu fi jireenya hawaasa fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru kaasaaniiru.
Pireezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi hoggantoonni biroon Godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaatti hojiilee misoomaa garaagaraa dawwaataniiru.
Midhaksaa Qachaatu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.