Finfinnee, Guraandhala 28, 2017(FMC) – Oromiyaatti qonna Arfaasaa bara kanaan lafa heektaara miiliyoona 1.7 misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.
Oomisha kuntaala miiliyoona 40 walitti qabuuf karoorfamuus ibseera.
Godinaalee rooba Arfaasaa gargaaraman 11 keessatti hojii qonna Arfaasaa lafa hektaara miliyoona 1.7 irratti gaggeessuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri miliyoona tokkoo ol qophaa’uu Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaa ibsaniiru.
Karoora qabame milkeessuuf dhiheessiin galteewwan qonnaarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeruu isaanii ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia