Oromiyaatti Qormaanni kutaa 8ffaa borurraa eegale kennama

Finfinnee,Waxabajjii 2, 2017 (FMC) – Oromiyaatti qormaanni sadarkaa Naannoo Kutaa 8ffaa boru eegalee kennama jedhe Biiroon Barnootaa Oromiyaa.

Qormaanni sadarkaa Naannoo Kutaa 8ffaa guyyaa Borurraa eegale hanga Waxabajjii 5, 2017 tti kan kennamu ta’uu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon Faanaa Diijitaaliif himan.

Naannichatti barattoonni shamarranii kumni 200 fi kumni 86 fi 371 fi Dhiironni Kumni 300 fi Kumni 5 fi 853 waliigalatti Barattoonni Kutaa 8ffaa kumni 500 fi kumni 92 fi 224 qormaaticha ni fudhatu jedhan.

Barattoonni kunneen wiirtuulee qormaataa Kuma 1 fi 305 keessatti kan qoraman ta’u dubbatan.

Dooktar Tolaan, barattoonni sodaa tokko malee tasgabbiin qormaaticha akka fudhatan ergaa dabarsaniiru.

Tsahaayi Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment