Oromiyaatti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa karaa oonlaayinii kennuuf ….

Finfinnee, Guraandhala 18 , 2018 (FMC) – Biiroon Barnootaa Oromiyaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa guutummaatti karaa oonlaayinii kennuuf qophiin taasifamaa jira jedhe.

Hogganaa Itti aanaan Biirichaa Dooktar Kaasaahun Galaanaa Faanaa Diijitaaliif akka ibsanitti, naannichatti hojiileen qulqullinaafi waliinga’iinsa barnootaa guddisuuf hojjetaman bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jiru.

Barattoonni yeroo isaaniitti haalaan fayyadamuun bu’aa gaarii akka galmeessisaniif kallattiin kaa’amee kutannoon hojjetamaa akka jirus dubbataniiru.

Barattoonni qormaataaf akka qophaa’aniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa guutummaatti karaa oonlaayinii kennuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Yeroo ammaas Ministeera Barnootaa, Tajaajila Barnootaafi Madaallii Qormaataa akkasumas godinaalee, bulchiinsa magaalotaafi aanaalee waliin ta’uun buufataalee qormaataa qopheessaa akka jiran himaniiru.

Qormaaticha karaa oonlaayinii qofa kennuuf buufataalee qormaataatti galteewwan barbaachisan guutuuf tattaaffiin godhamaa akka jirus dubbataniiru.

Barattoonni qormaata moodelaa fudhachuun fi shaakaluun ogummaa qormaaticha karaa oonlaayinii fudhachuuf isaan dandeessisu akka argataniif karoorfamee hojjetamaa jira jedhan.

Barattoonni qormaatichaaf qophii gahaa akka taasisaniif barsiisonni, maatiin barattootaafi hawaasni barnootaa biroon tumsaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Naannichatti bara kana barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan kuma 100 fi kuma 90 ol ta’uus Dooktar Kaasaahun Galaanaan ibsaniiru.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment