Oromiyaatti qulqullinaafi gosoota iddoowwan gahumsa tuurizimii dabaluun danda’ameera- Komishinii Tuurizimii Oromiyaa

Finfinnee, Mudde 12, 2018 (FMC) – Oromiyaatti qulqullinaafi gosoota iddoowwan gahumsa tuurizimii dabaluun danda’ameera jedhan Komishinarri Itti aanaan Komishinii Tuurizimii Oromiyaa Naggaa Wadaajoon.

Qopheessummaa Komishinii Tuurizimii Oromiyaan guyyaa har’aa magaalaa Jimmaatti dorgommiin biskileetii ‘Coffee Tour’ gaggeeffameera.

Obbo Naggaa Wadaajoon wayita kana hojii komishinichi waggoottan darban keessa hojjeteen naannichatti qulqullinaafi gosoota iddoowwan gahumsa tuurizimii dabaluun danda’ameera jedhan.

Dorgommiin biskileetii kunis qaama ‘Visit Oromia’ ta’uu dubbataniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Tuurizimii Dooktar Indaganaa Abbabaa gama isaaniin, xiyyeeffannoo Komishiniin Tuurizimii naannichaa damichaaf kenne kan jajjabeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan damichaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuus kaasaniiru.

Bakka argama bunaa Jimmaan beeksisuufis ta’e ispoortiicha jajjabeessuuf bulchiinsi magaalichaa qooda isaa akka bahatu kan ibsan ammoo Kantiibaa Magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamari.

Abdurahimaan Mahaammadtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment