Oromiyaatti Sagantaan eegalchiisa Tajaajila Lammummaa gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2017 (FMC)- Sagantaan eegalchiisa hojii Tajaajila lammummaa Naannoo Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuutti eegaleera.

Mootummaan waggoottan jijjiiramaa keessatti duudhaa ganamaa Oromoon qabutti deebi’uun fayyadamummaa ummataa dabaluuf humnoota waloo hojiirra oolchaa jira.

Humnoota waloo hojiirra oolaa jiran keessaa tokko tajaajila lammummaati.

Hawaasa harka qalleeyyii fi humna hin qabne bira dhaabachuun deeggarsi bal’aan taasifamaa tureera.

Haaluma kanaan guyyaa har’aas hojii tajaajila lammummaa akka naannoo Oromiyaatti Magaalaa Baatutti qindeessummaa Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’imman Oromiyaa fi Jaarmiyaalee Dubartootaatiin eegaleera.

Sagantichi ijaarsa Mana harka qalleeyyii fi sagantaa garaa garaatin eegalameera.

Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa Aadde Mabraat Baacaa, waggoottan darbani hojiilee gama kanaan hojjetamaniin dubartoonni,daa’immanifi qaamoleen hawaasaa hedduun fayyadamoo ta’aniiru jedhan.

Hojii kenna tajaajila lammummaatiin bara darbe manneen kuma 134 ijaaramuu kan ibsan aadde Mabraat bara kan manneen harka qalleeyyii kuma 100 fi kuma 54 ol ijaaruuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhan.

Bara kana lammiilee miiliyoona 1.2 ol hirmaachisuun hojii Birrii biiliyoona 60 olitti tilmaamamu hojjechuun kutaa haawaasaa miiliyoona 1.3 fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa ibsuu isaanii BKO irra odeeffanne.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment