Finfinnee, Mudde 7, 2017 (FMC)- Komishiniin Marii Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaatti sirni baniinsaa ajandaa marii walitti qabuu gaggeessaa jira.
Naannichatti aanaalee 356 irraa bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa kuma 7 ol ajandaalee marii ni dhyeessuun eegama.
Mudde 12, 2017 irraa eegalee namoota dhiibbaa uumtotaan mariin kan gaggeeffamu yoo ta’u, Mudde 13, 2017 irraa eegalee ammoo bakka bu’oota hawaasaa dabalatee qooda fudhattoonni naannichaa kuma 1 fi 700 guyyoota walitti aanaan sadiif ajandaalee naannichaarratti mari’achuun ni gurmeessu jedhameera.
Naannichatti waltajjii ajandaa walitti qabuu gaggeeffamuuf, hayyoonni yuunivarsiitiiwwan 48 irraa babba’an mariiwwan gaggeeffaman kan qindeessan yoo ta’u, qindeessitoonni naannichaa 356 ammoo adeemsichaaf deeggarsa akka taasisan himameera.
Hojjettoonni komishinichaa 100 ol, barattoonni tola ooltonni yuunivarsiitii 150 adeemsichaf tumsa akka taasisan himameera.
Maraa’ol Kadirtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia