Finfinnee, Guraandhala 8, 2017 (FMC)-Naannoo Oromiyaatti sirni qophii baajataa sagantaa irratti hundaa’e ifoomsuu gaggeeffameera.
Sirnichi Bakka Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii argamanitti magaalaa Bishooftuutti gaggeeffameera.
Obbo Awwaluu Abdiin mootummaan Naannoo Oromiyaa riiformii guguddaa geggeessaa jiraachuu himanii, kanaanis bu’aawwan jajjabeessoon argamaa jiraachuu ibsaniiru.
Rifoormii baajata irratti gaggeeffameeniis galiin naannichaa guddachuu himaniiru.
Hoogganaan Biiroo Maallaqaa Oromiyaa Obbo Tolosaa Gaddafaa gamaasaaniin, baajanni Sagantaarratti hundaa’e adeemsa ramaddii baajataa gosoota meeshaalee fi tajaajilaatiif ramadamaa ture gara agarsiistoota safaramuu danda’anii fi bu’aa eegamutti geessanitti fayyadamuun kan ramadu ta’uu dubbataniiru.
Sagantichi Biiroo Maallaqaa Oromiyaatiin kan qophaa’e yoo ta’u, Hoggantoonni Biirolee fi Daayirektaroonni Karooraa fi Baajataa Naannichaas hirmaachuu ragaan BKO irra argame ni mul’isa.
#Oromia #Ityoophiyaa