Finfinnee, Onkoloolessa 10, 2018 (FMC)- Oromiyaatti Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob rakkoo kenna tajaajilaa furuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jira jedhe Biiroon Paabilik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa.
Hogganaa Itti aanaan Biirichaa obbo Daamxoo Gammachuu tajaajilichi naannichatti erga eegalee lakkoofsi simannaa tajaajilamtootaa guyyaadhaa gara guyyaatti guddachaa jiraachuufi itti quufiinsi maamiltootaas dabalaa akka jiru eeraniiru.
Tajaajilichi magaalota shan wiirtuuwwan 26 keessatti hojiirra ooleera kan jedhan obbo Daamxoon, yeroo ammaa magaalonni 14 tajaajilicha eegaluuf qophiitti seenuu ibsaniiru.
Tajaajilli giddugala tokkoo kun rakkoo sirna kenniinsa tajaajilaa kanaan dura turee furuu keessatti gahee olaanaa bahachaa akka jiru kaasaniiru.
Tajaajilli hedduun dibaabee tokko jalatti dhufuun abbaan dhimmaa dhimma isaa iddoo tokkotti waan xumuratuuf deddeebiifi dhamaatii maamilaa furuus dubbatan.
Tajaajilichi dhamaatii hambisuu dabalataan baasiifi qisaasama yeroo hambisuu keessattis qooda olaanaa akka bahatu ibsan.
Giddugala kanatti to’annoofi hordoffiin teeknooloojiin waan taasifamuuf gochoota aadmaleefi hojimaata badaa kan hambisudhas jedhan.
Magaalaa magaalaatti garaagarummaan haa jiraaatuyyuu malee yeroo ammaa manneen hojii 29 ta’an tajaajila giddugala tokkoo kana keessatti hammatamuu ibsaniiru.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.