Finfinnee, Bitootessa 4, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti uwwisa Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob babal’isuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Siiviil Sarvisii fi Qabeenya Namaa naannichaa.
Naannoo Oromiyaatti Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob magaaloota 5 keessatti hojiirra ooluu Hoggantuun biirichaa Kokkob Didhaan ibsaniiru.
Kanaanis fayyadamummaa ummataa mirkaneessuun danda’amuu eeran.
Tajaajilicha bakka hunda qaqqabsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasan.
Tajaajilichaan haqa qabeessummaa, dhamaatii tajaajilamaa hambisuu fi tajaajila dhaqqabamaa ta’e kennuuf hojjetamaa akka jiru dubbatan.
Milkiyaas Addunyaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.