Paartiin Badhaadhinaa bu’aa qabatamaa galmeesseera- Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Onkoloolessa 28, 2018 (FMC)- Paartiin Badhaadhinaa yaada irra darbuun bu’aa qabatamaa lafa irratti mul’atu galmeessuu mirkaneessaa jira jedhan Ministirri Ministeera Bu’uuraalee Misoomaa fi Magaalaa Aadde Caaltuu Saanii.

Leenjiin ijaarsa dandeettii hoggantoota Paartii Badhaadhinaaf kennamaa jira.

Leenjiin miseensoota hoggantoota olaanoo paartii badhaadhinaa damee bu’uuraa diinagdee biyyaattii kan ta’an Qonna, tuurizimii, Indaastirii fi misooma magaalaa irratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Hoggantoonni olaanoon paartii Badhaadhina leenjichaan cinatti Godina Shawaa Bahaa aanaa Luumeetti hojiilee misooma qonnaa daawwataniiru.

Ministirri Bu’uuraalee Misoomaa fi Magaalaa Aadde Caaltuu Saanii wayita kana akka ibsanitti, Paartiin Badhaadhina yaada qofaan osoo hin taane bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira.

Aadde Caaltuun Itiyoophiyaan kanaan dura hojii misooma kanaan dura hin turre shaakaluun bu’aa fidaa jirti jedhan.

Badhaadhinni maatii irra carraa hojii uumuun kan eegalu ta’uu ibsuun, laammiileen wabii nyaataa isaanii mirkaneessuu irra darbee jiraattoota magaalaaf oomisha dhiyeessuu danda’uu dubbatan.

Jalqabbiin gaariin kutaalee biyyattii garaagaraatti eegalaman naannawaa hundatti muuxannoo ta’ee akka itti fufuu gochuun barbaachisaadha jechuu isaanii TOI gabaaseera.,

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment