Finfinnee, Onkoloolessa 9, 2018(FMC)- Paartiin Badhaadhinaa dameelee hundaan milkaa’inaan imalaa jira jedhan Pirezidaantii Itti aanaa fi Itti gaafatamaan Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.
Paartiin Badhaadhinaa gamaaggama raawwii hojii paartii kurmaana jalqabaa bara 2018 gaggeessuu eegaleera.
Waltajjicharratti Obbo Adam Faaraah dabalatee hoggantoonni dameelee Waajjira Muummee Paartichaa, Itti gaafatamtoonni Waajjira dameelee fi hoggantoonni Olaanoon Paartichaa argamaniiru.
Obbo Adam Faaraah wayita kana Paartichi dameelee hundaan milkaa’inaan imalaa jira jedhan.
Haala Itiyoophiyaafi paarticha madaaluun karoorfamuun, yaadama Ida’amuun dandeettiiwwan hunda fayyadamuuf tattaaffiin waan taasifameefi ilaalacha piraagmaatiizimiin haala qabatamaa naannawaa bu’uureffachuun waan hojjetameef paartichi milkaa’ina galmeessisuu eeraniiru.
Dabalataanis qajeeltoo ariitiifi kalaqaan akkasumas qajeeltoo qormaata gara carraatti jijjiiruu waan hordofameef paartichi milkaa’inoota gama maraa galmeessiseera jedhan.
Waltajjichaan hojiileen paartichaa fi sosochii uummataan hojjetaman kan gamaaggamaman yoo ta’u, milkaa’inoota galmaa’an itti fufsiisuufi hanqinoota sirreessuuf waliigaltee waloorra ni gahama jedhameetu eegama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.