Paartiin Badhaadhinaa fayyadamummaa uummtaa damee hundaan mirkaneessuu cimsee itti fufa- Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Amajii 8, 2018 (FMC) – Paartiin Badhaadhinaa fayyadamummaa uummtaa damee hundaan mirkaneessuuf hojiiwwan eegale cimsee itti fufa jedhan Pirezidaantii Itti Aanaan Paartichaa fi Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti gaafatamaan Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimokiraasii Obbo Adam Faaraah.

Gamaaggamni raawwii hojii ji’oota ja’aa Paartichaa magaalaa Hoosaa’inaatti geggeeffamaa ture hojiiwwan gama carraa hojii uumuu fi gabaa tasgabbeessuun hojjetaman gamaaggamuun xumurameera.

Obbo Adam waltajjicha irratti akka ibsanitti, kallattiiwwan dinagdee dam-hedduu hojiirra oolchuun bu’aa qabatamaan argameera.

Carraa hojii ogummaa bu’uureffate uumuun lammiileen carraa hojiitti akka fayyadamaniif ji’oottan ja’an darbanitti hojiiwwan hojjetaman bu’aa abdachiisaa galmeessisaniirus jedhan.

Injifannoowwan argaman guddisuuf filannoowwan tekinooloojii qonnaa, manufaakcheringii fi carraa hojii argamsiisan sirriitti fayyadamuu akka barbaachisus dubbataniiru.

Hoji-dhabdoota adda baasuun, interpiraayizoota buleeyyii cimsuu fi hojiiwwan dhaabbilee madaallii ga’umsa ogummaa qulqullinaan akka raawwatamaniif xiyyeeffannoo addaan hogganuu akka barbaachisus hubachiisaniiru.

Hojiiwwan gabaa tasgabbeessuuf hojjetaman yeroo irraa yerootti fooyya’aa akka jiran ibsanii, kana cimsuuf dhiyeessii oomishaa guddisuuf xiyyeeffannaan hojjetamas jedhan.

Kanaafis giddugla gabaa bal’isuu, qulqullina oomishaa eegsisuu, waldaalee hojii gamtaa deggeruu fi ijaarsa giddugala gabaa sadarkaa isaa eeggatee galma paartichaa keessaa tokko ta’e cimsuuf hojiiwwan hojjetaman cimsuun akka barbaachisus eeraniiru.

Walumaa galatti Paartiin Badhaadhinaa hojii fayyadamummaa uummataa guddisuuf dameelee hedduun eegele cimsee itti fufa jechuun ibsaniiru.

Kanaafis milkaa’inoota dameelee hundaan baatiiwwan ja’an darban keessa galmaa’an guddisuun, qormaatilee mudataniifis kallattii furmaataa kaa’uun bu’aa barbaadamu galmeessuuf murannoon hoggansaa barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Itt igaafatamtoonni waajjiraalee damee Paartii Badhaadhinaa fi hoggantoonni qoochoo dargaggootaa waltajjicha irratti hirmaachuu isaaniis ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment