Finfinnee, Guraandhala 25, 2018 (FMC) – Paartiin Badhaadhinaa inisheetiivii misoomaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessaa jira jedhan Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.
Hoggantoonni fi Hojjettoonni Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa raawwii karooraa bara 2018 baatiiwwan darbanii irratti mari’ataniiru.
Obbo Adam Faaraah wayita kana haasawa taasisaniin, baatiiwwan darban hojiilee jajjabboo hojjetamaniin dandeettii dhaabbatummaa paartichaa cimsuun baay’ina irraa gara qulqullinaatti ce’amuu ibsaniiru.
Sosochii fi inisheetiiviin misoomaa paartichaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessaa jiraachuus dubbataniiru.
Haaluma kanaan Sagantaa Maaddii Guutuun, Asharaa Magariisaan, Misooma Koriidarii Magaalaa fi Baadiyyaa , Carraa Hojii Uumuun, Misooma Qamadii Bonee, Gabaa Sanbataa fi kanneen biroon bu’aaleen fayyadamummaa uummataa mirkaneessan argamuu kaasaniiru.
Guutuu biyyattiitti kutaalee hawaasaa miiliyoona 11 fi kuma 800 wajjiin mariin gaggeeffamuu ibsuun, marichaan gaaffii ummataa dhaggeeffachuun paartichi deebii kennuu eeraniiru.
Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaan bilisa, nagaa, haqa qabeessaa fi fudhatamummaa kan qabu akka ta’uuf paartichi yaada ifa ta’e ummataaf dhiyeessuun sagalee caalmaa argatee akka filamuuf itti gaafatamummaa dachaa bahachaa jiraachuu himaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.