Finfinnee, Hagayya 19, 2017 (FMC)- Paartiin badhaadhinaa hojiilee hundagaleessa hojjetaa jiruun injifannoo barootatti darban galmeessaa jira jedhan Pireezidaantiin Naannoo Harar obbo Ordiin Badriin.
Naannichatti leenjiin ijaarsa dandeettii hoggantootaaf kennamaa ture xumurameera.
Obbo Ordiin Badriin, wayita kanatti haasawaa taasisaniin, Paartiin hanqinoota kaleessaa guutuun akkasumas rakkoo bu’uuraa dhaloota har’a furuuf hojiilee dandeessisan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Haaluma kanaan hojiilee dhaloota dhufuuf bu’uura ka’an damee heddu hojjechaa jira jedhan.
Hojiiwwan Hararitti hojjetamanii fi bu’aaleen argaman agarsiistuu ta’uu eeruun, fuulduratti hoggansi murannoon hojjechuu qaba jechuu isaanii Kominikeeshiniin Naannoo Hararii Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Tokkummaa keessoo cimsuun faayadaan biyaalessaa akka eegamuuf hojjechuun barbaachiisaa ta’uu kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.