Paartiin Badhaadhinaa Itiyoophiyaanota gandaan osoo hin qoqqoodiin kan hammatedha- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 30, 2017(FMC) – Paartiin Badhaadhinaa kanneen duraarra yaadama addaa kan qabuufi Itiyoophiyaanota gandaan osoo hin qoqqoodiin kan hammatedha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gaaffii fi deebii isa xumuraa kutaa 4ffaa irratti Paartii Badhaadhinaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin, Paartiin Badhaadhinaa paartii dinqisiisaa, kanneen Kanaan dura turanirra yaadamaan, gurmaa’iinsaan, hangaaniifi bu’aalee galmeessisuun adda ta’uu kaasaniiru.

Paartichi Itiyoophiyaanota gandaan osoo hin qoqqoodiin hunda kan hammate ta’uus ibsaniiru.

Yaa’ii Waliigalaa Paartichaa 2ffaan booda guddinni ture dabaluun yeroo ammaa paartii miseensota miiliyoona 16 fi kuma 300 qabu ta’uu eeraniiru.

Paartiin Badhaadhinaa Afrikaarraa paartii guddaadha kan jedhan Dooktar Abiy Ahimad, mul’ata guddaa fi hojimaataafi sirna ifaa ta’e qabaachuu hubachiisaniiru.

Moggaafamni paartichaas galmaafi mul’ata Itiyoophiyaa fiixee badhaadhinaarraan gahuuf qabameen walitti kan hidhu jedhan.

Paartichi hundaaf banaadha kan jedhan Dooktar Abiy Ahimad, paartilee dorgomtootaa aangoo mootummaa keessatti akka hirmaatan taasisuun kanaaf agarsiistuu ta’uu kaasaniiru.

Dargaggootaafi lammiilee Itiyoophiyaa kutaalee addunyaa garaagaraa keessa jiran kan hammate ta’uu eeruun, rakkoo yaadamaafi ilaalcha haaraa fudhachuu kan hin qabne ta’uus ibsaniiru.

Malaakuu Gadifiin.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment