Paartiin Badhaadhinaa mallattoo filannoo isaa ifoomse

Finfinnee, Guraandhala 3, 2018 (FMC) – Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kan ittiin dorgomu mallattoo filannoo ifoomseera.

Paartichi mata duree “Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenya taateetti” jedhuun sagantaa manifeestoo fi mallattoo filannoo isaa ifoomsuu Waajjira Muummeetti gaggeesseera.

Pirezidaantii Itti aanaa fi Itti gaafatamaan Waajjira Muummee Paartichaa obbo Adam Faaraah wayita kana ergaa dabarsaniin, Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaan fedha uummataan injifachuun Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenya taateetti ceesisuun galma isaa ta’uu ibsan.

Haaluma Kanaan mallattoon filannoo paartichaa “Bissii qamadii” akka ta’e kan beeksifame yoo ta’u mallattoon kunis mallattoo ida’amuu, tumsaafi tokkummaa ta’uun ifoomeera.

Paartichi manifeestoo filannoo fuula 169 qabus ifoomseera.

Guutaa Owwaataatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment