Paartileen siyaasaa 11 gamtaa paartii biyyaalessaa tokko hundeessan

Finfinnee, Hagayya 14, 2017(FMC)- Paartileen siyaasaa 11 gamtaa paartii biyyaalessaa tokko hundeessaniiru.

Paartileen kopha kophaatti socho’aa turan har’a bakka Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Meelatwarqi Haayiluu argamanitti yaa’ii geggeesssaa jiru.

Ulaagaa walitti makamuuf isaan dandeessisu guutuu fi haala miijataa uumuufis waggaa tokkoof qophaa’aa akka turan himameera.

Paartileen gamtaa tokko uummatan kunniinis:- Paartii Haqaafi Diimookiraasii Agawu, Shangoo Biyyaalessaa Agawu, Paartii Diimokiraatawaa Tigiraay, Dhaabbata Diimokiraatawaa Uummata Doongaa, Paartii Diimokiraatawaa Mochaa, Sochii Diimokiraatawaa Saba Argobbaa, Adda Bilisa baasaa Afaar, Paartii Diimokiraatawaa Gaamoo, Dhaabbata Diimokiraatawaa Uummata Kaafaa, Paartii Magariisaa Kaafaa fi Sochii Diimokiraatawaa Uummata Gaambeellaa ti.

Gamtichi paartii nagaa, guddinaa fi kabaja biyyaaf hojjetu uumuuf akka dandeessisus eerameera.

Walitti qabduun Boordii Biyyaalessaa Meelatwarqi Haayiluu yaa’icha irratti akka dubbatanitti, Paartileen siyaasaa garaagarummaa isaanii dhiphisuun qajeeltoo walkabajaan tokko ta’uun isaanii kan galateeffachiisuu dha.

Gamtichi fakkenya guddina abdii, nagaa fi diimokiraasii ta’uus dubbatanii, Boordiin Filannoo seeraa fi sirna jiru hordofuun deggersa barbaachisu kennuuf qophaa’aa ta’uus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment