Finfinnee, Adoolessa 16, 2017(FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan paartileen siyaasaa biyya keenyaa nageenyi akka waara’uufi aadaan diimikoraasii akka cimuuf gahee isaanii cimsanii itti fufuu qabu jedhan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, mata duree “Nageenya Cimsuuf Gahee Paartilee Siyaasaa” jedhuun guyyaa har’aa Konfiransii biyyaalessaa eegalchiisneerra jedhan.
Itiyoophiyaanotaaf nageenya jechuun misooma, bilisummaa, haqaafi gammachuu gufuu tokko malee argachuu danda’uudha jechuun ibsan.
Balaawwan uumamaafi namtolcheen nageenya keenya booressaa turaniiru kan jedhan obbo Tamasgeen, balaawwan kunneen yeroo tasgabbaa’an ammoo walitti bu’iinsi, waraanniifi buqqaatiin nageenya biyyattii kan booressan ta’uu yaadachiisan.
Hanga ammaatti balaawwan lameeniif furmaata waaraa fiduuf kan hin hojjetamne ta’uu, kanarraan kan ka’es hiyyummaafi booddeetti hafummaaf saaxilamuu kaasaniiru.
Balaawwan lameeniif adeemsa deebii kennu barbaaduun tarsiimoo ijoo jijjiiramaa ta’uus hubachiisan.
Sirni siyaasaa diimookiraatawaan uummataafi hayyoota duudhaalee diimookiraasii gonfatan kan barbaadu ta’uu eeranii, diimookiraasiin aadaafi duudhaa Itiyoophiyaanotaaf mijataa ta’e uumamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Paartilee siyaasaaf dorgommii qofa osoo hin taane tumsis barbaachisaa ta’uu yaadachiisuun, paartileen siyaasaa biyyattii qabsoo siyaasaa karaa nagaa fudhachuun gahee bahataniif galateeffataniiru.
Nageenyi bu’aa hojii waloo waan ta’eef uummanni, hoggantoonni kutaalee hawaasaafi humnoonni siyaasaa kutannoo mootummaan nageenyaaf qabu hubachuun nageenya fiduufi cimsuuf gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.