Paartileen siyaasaa dhimma faayidaa biyyaalessaarratti waloon dhaabbachuu qabu- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Caamsaa 25, 2017(FMC) – Paartileen siyaasaa dorgomtootaa faayidaan biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka kabajamuuf waloon dhaabbachuu qabu jedhan.

Aadde Adaanech Abeebeen mata duree “Ijaarsa Sirna Siyaasaa Tasgabbaa’aaf Gahee Paartilee Siyaasaa” jedhuun paartilee siyaasaa magaalichatti argaman waliin mari’ataniiru.

Aadde Adaanech waltajjicharratti akka jedhanitti, Itiyoophiyaanonni waloon waraana hedduu injifachuun walabummaa biyyaa kabachiisuu haa danda’aniyyuu malee barii injifannoo walitti dhiyeenyaan mari’achuu dhabuun rakkoo siyaasaa uumuu yaadachiisaniiru.

Kun ammoo humnoonni fedhii isaanii guuttachuuf qabsoo hidhannoo gaggeessan uumamuufi biyyi gatii guddaa kaffaluu kaasaniiru.

Mootummaan jijjiiramaa sirni paartii heddumminaa akka cimuuf paartilee dorgomtootaaf deeggarsa taasisaa akka jiru, gama Kanaan aadaa siyaasaa biyyattii keessatti boqonnaa haaraan banameera jedhan.

Miseensonni paartilee dorgomtootaa kaabinee bulchiinsa magaalichaafi Mana Maree Ministirootaa keessa Ittigaafatamummaan akka hojjetan taasifamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Garaagarummaan siyaasaa fayya qabeessa ta’uutti amanuun mootummaafi paartileen siyaasaa dorgomtootaa dhimmoota biyyaalessaarratti tumsaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Keessumaa paartileen siyaasaa dorgomtootaa dhimma faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaarratti waloon akka dhaabbatan gaafataniiru.

Waltajjicharratti bakka buutonni paartilee siyaasaa magaalicha keessa socho’an 17 fi hoggantoonni Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa magaalichaa argamaniiru.

Miikiyaas Ayyaleetu gabaase.

Comments (0)
Add Comment