Paaspoortiin dijitaalawaa Itiyoophiyaa qabiyyeewwan of keessaa qabuun beekmtii idil addunyaaf  filatame

Finfinnee, Hagayya 1, 2017 (FMC)- Paaspoortiin dijitaalawaa Tajaajilli Immigireeshinii fi Lanmmummaa Itiyoophiyaa dhiyeenya kana ifoomse qabiyyeewwan of keessaa qabuun beekmtii idil addunyaaf filatameera.

Paaspoortiin kun icciitiiwwanii fi amaloota nageenyaa cimaa qabachuun, tekinooloojii fooyya’aa fayyadamuu fi odeeffannoowwan murteessoo ta’an eenyummaa tajaajilamaa sirriitti adda baasan ofkeessattii qabchuun filatamuu danda’eera jedhame.

Paaspoortiin dijiitaalaa Itiyoophiyaa badhaasaaf kan filatame dhaabbata badhaasa wixinee fi kalaqaa kennun beekamu “Red Dot Brands and Communication” jedhamuun beekamuun ta’ium beekameera.

Dabalataanis iddoowwan seenaa, aadaa fi uumammaa mallattoo Itiyoophiyaa ta’an of keessatti qabachuun isaa kan isa filachiise ta’uu Tajaajilichi Faanaa Dijiitaalitti himeera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok:
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 

Comments (0)
Add Comment