Finfinnee, Ebila 5, 2018 (FMC) – Tajaajilli Immigreeshinii fi Lammummaa ji’oota saglan bara baajataa 2018 darban keessa paaspoortiin miiliyoonni 1.1 ol lammiileef kennameera jedhe.
Hooggantuun Tajaajilichaa Salaamaawiit Daawwit akka jedhanitti, dhaabbanni isaanii tajaajila paaspoortii idilee fi ariifachiisaa, viizaa, akkasumas waraqaa eenyummaa dhalataa Itiyoophiyaa (Yellow Card) maamiltootaaf kennaa jira.
Dabalataanis, to’annoo daangaa qilleensaa fi lafaa irratti, akkasumas tajaajiloota biroo irratti hojiilee milkaa’oo raawwachaa jiraachuu dubbataniiru.
Ji’oota saglan darbaniitti paaspoortii miiliyoona 1.1 ol lammiileef kennuun akka danda’ame kan ibsan ammoo Daarikteera Kominikeeshinii tajaajilichaa Obbo Amboo Maqaasaati.
Obbo Amboon ibsa Faanaa Diijitaaliif kennaniin Viizaan kumni 800 fi kumni 24 fi 951 kennamuu eeraniiru.
Eenyummeessi Dhalataa Itiyoophiyaa kumni 29 ol kennamuus kaasanii, daangaa qilleensaa fi lafaan imaltoota miliyoona 5.4 oliif tajaajilli galumsaa fi bahumsaa sadarkaa idil addunyaa eeggate kennamuu hubachiisaniiru.
Gama biraatiin, namoota karaa seeraan alaa paaspoortii ariifachiisaa guutan, faddaalota seeraan alaa fi namoota maqaa dhaabbatichaa balleessuuf yaalan 21 to’annoo jala oolchuun qorannoon irratti geggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia