Finfinnee, Adoolessa 1, 2017 (FMC) –Qabeenya Tuurizimii Itiyoophiyaan qabdu beeksisuu fi dhaadhessuuf kan oolu Pilaat foormiin mandhaleen ‘viiziiti’ Itiyoophiyaa jedhamu ifoomeera.
Pilaat foormiin kun fedhii maamiltootaa guutuuf filannoowwan hedduu qabatee dhiyaachuu Ministir Deetaan Ministeera Tuuriziimii Indaganaa Ababaan ibsaniiru.
Galteewwan diijitaalaa yeroon barbaadu guutuun dorgomaa ta’anii dhiyaachuun murteessaa ta’uu Daayrekterri olaantuun Bulchiinsaanfi Nageenya Odeeffannoo Tigisti Hamiid eeraniiru.
Pilaat foormichi nageenyi isaa kan eegamee fi yeroo tokkotti waan hedduu beeksisuuf gahee olaanaa qabaachuu kaasan.
Hojiin Hambaalee uumamaa fi namtolchee misoomsuu fi beeksisuu hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Tuurizimii Salamaawiit Kaasan ibsaniiru.
Qaamolee pilaat foormii kana gabbisan galateeffataniiru.
Hayimaanoot Wandiraadiitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.