Pilaatfoormiin diijitaalaa baankonni bittaafi gurgurtaa sharafa alaa ittiin raawwatan hojii eegale

Finfinnee, Amajjii 20, 2018 (FMC) – Pilaatfoormiin diijitaalaa baankonni walii isaanii gidduutti bittaafi gurgurtaa sharafa alaa ittiin raawwatan hojii eegaleera.

Saganticharratti Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Gabaan Qabeenya Sanadaa Itiyoophiyaa, baankonni dhuunfaa fi qaamoleen qooda fudhattootaa ijoon argamaniiru.

Pilaatfoormiin kun fooyyessii diinagdee gooroo fi damee faayinaansii ammayyeessuu keessatti boqonnaa murteessaa ta’uun ibsameera.

Bittaafi gurgurtaa sharafa alaa baankota gidduutti raawwatamu irratti iftoomina kan uumuu fi sirna gabaa kan cimsu ta’uunis eerameera.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi wayita kana ergaa dabarsaniin, pilaatfoormichi caasaa gabaa sharafa alaa biyyattii ammayyeessuuf tarkaanfii barbaachisaan fudhatamuu akka agarsiisu ibsan.

Naamusa gabaa cimsuuf, adeemsa gatii fooyyessuufi riifoormii gabaa faayinaansii deeggaruu keessatti galtee guddaa ta’uus eeraniiru.

Baankonni hundi pilaatfoormii kanarratti dammaqinaan akka hirmaatanii fi hojii qajeelfamoota waliin wal siman akka hojjetan hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment