Finfinnee, Guraandhala 10, 2018 (FMC) –Pireezidaantiin Turkiyyee Rajab Xayip Eerdowaan daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad wayita Pireezidaanti Rajab Xayip Eerdowaan buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan simannaa hoo’aa taasisaniifiru.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaanti Rajab Xayip Eerdowaaniin baga nagaan bakka argama dhala namaa Itiyoophiyaa nagaan dhuftan jedhan.
Daawwannaan keessan hariiroon Itiyoophiyaa fi Turkiyyee daran cimaa ta’uu argarsiiftuudha jedhan.
Mariiwwan bu’aa qabeeyyiin tumsaa fi hariiroo biyyoota seenaa qabeeyyii lamaan gidduu jiran caalmaatti cimsanii fi waareessaan akka jiraatan abdiin qaba jedhan.
Hariiroon Dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Turkiyyee bara Faranjootaa 1896 eegale.
Turkiyyeen bara 1926 Itiyoophiyaatti Imbaasii ishee yoo bantu, Itiyoophiyaan ammoo bara 1933 Ankaaraatti Imbaasii bante.
Pireezidaanti Rajab Xayip Eerdowaan waggoota 11 booda deebi’anii Itiyoophiyaa daawwatan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.