Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan Pireezidaantii Itti Aanaa Naayijeeriyaa hojiilee misoomaa naannoo Oromiyaa daawwachiisan

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2017 (FMC) –Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan, Pireezidaantii Itti Aanaa Naayijeeriyaa Kaashiim Sheetiimaa hojiilee misoomaa naannoo Oromiyaa daawwachiisaniiru.

Pireezidaantii Itti Aanaa Naayijeeriyaa Kaashiim Shettimaa, Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiyoos dabalatee keessummoonni Federaalaafi Naannoo guyyaa har’aa Paarkii Indastirii Adaamaa daawwachiisaniiru.

Har’a Pireezidaantii Itti Aanaa Rippaablika Federaalawa Naayijeeriyaa Kaashiim Shettimaa, Ministira Ministeera Dhimma Alaa Itiyoophiyaa, Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos dabalatee hooggantoota mootummaa federaalaafi naannoo waliin ta’uun daawwannaa hojii gaggeessineerra jedhan Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Paarkii Indaastirii Adaamaa, Buufata Biqiltuu Avokaadoo Lumee, Kilaastara Horsiisa Lukkuu Moojoofi Qonna “Sugar Snap”fi Birookoolii Teeknoolojii Olaanaa Magaalaa Bishooftuu daawwachuu isaanii ibsan.

Iddoowwan gahumsaa kunniin, tarsiimooleen hojiitti hiikamaa jiran investimantii biyya alaafi biyya keessaatiif gahumsa hawwataa mijeessaa jiraachuu isaanii kan ragaa bahaniidha jedhan obbo Shimallis Abdiisaan.

Walitti dhufeenyafi hariiroo obbolummaa Naayijeeriyaafi biyyoota Afrikaa biroo waliin qabnu caalaatti cimsuuf fuulduratti kan hojjennu ta’a jedhan.

Pireezidaanti Shimallis jilicha galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment