Finfinnee, Caamsaa 26, 2017(FMC)- Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen abbootii amantaa Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa guyyaa har’aa Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa daawwatan waliin mari’ataniiru.
Pireezidaanti Taayyeen manneen amantaa keenya bu’uura jiraachuu biyyaa, mallattoo aadaafi seenaa akkasumas utubaa eenyummaa keenyaati jedhan.
Dhaabbileen amantaa hojiilee gaggaarii ijaarsa nagaa, misoomaafi hariiroo hawaasummaa cimsuu keessatti hojjetan deeggaruun itti gaafatamummaafi dirqama mootummaa ta’uus kaasaniiru.