Finfinnee, Caamsaa 26, 2017(FMC) – Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa waliin dhimmoota daldalaa, invastimantiifi biroorratti mari’ataniiru.
Pireezidaanti Taayyeen Ambaasaaddaroota haaraa Awustaraaliyaa, Kuubaa, Aljeeriyaa, Gaambiyaa, Joorjiyaa, Maaynaamaar, Taayilaand, Veeytinaamiifi Qoophiroos harkaa xalayaa muudamaa isaanii fuudhaniiru.
Pireezidaanti Taayyeen ambaasaaddaroota biyyoota kanneenii waliin haala tumsa daldalaa, invastimantiifi kanneen biroo cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Biyyoonni Finfinneetti Embaasii hin qabne haala banuu danda’an irrattis mariin taasifamuu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoon ibsaniiru.
Ambaasaaddarri Kuubaa Meeyliin Su’aareez Alvaareez, Itiyoophiyaafi Kuubaan hariiroo cimaafi seena qabeessa qabaachuu yaadachiisanii, hariiroo kana gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf akka hojjetan mirkaneessaniiru.
Biyyoonni lameen tumsa dameewwan qonnaa, barnootaafi fayyaa cimsuu kan hojjetan ta’uu Ambaasaaddar Nabiyaat ibsa kennaniin kaasaniiru.
Ambaasaaddarri Gaambiyaa Saaliimaataa Iitii Tooreey gamasaaniin, hojiilee hariiroo cimaa Itiyoophiyaafi Gaambiyaa cimsan akka hojjetan dubbataniiru.
Dameewwan aadaa, teeknooloojiifi daldalaan Itiyoophiyaa waliin kan hojjetan ta’uu kan ibsan ammoo Ambaasaaddara Taayilaand Mooraakoot Jaanmaatuukoorn yoo ta’an, dandeettiiwwan hariiroo biyyoota lameenii cimsuu danda’an hedduun jiru jedhan.
Yeroo itti aanutti hoggantoonni olaanoon biyyattii daawwannaa hariiroo biyyoota lameenii cimsu Itiyoophiyaatti akka taasisan kaasaniiru.
Ambaasaaddarri Qoophiroos Saavaas Viilaadmiiroon gamasaaniin, Itiyoophiyaan michuu tarsiimawaa Qoophiroos ta’uu yaadachiisuun, hojiilee hariiroo gam-lameefi damee hedduu biyyoota lameenii cimsan kan hojjetan ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.