Finfinnee, Waxabajjii 7, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Warshaa dhugaatii Keenyaa eebbisiisuun hojii eegalchiisan.
Sagantaan eebba warshaa dhugaatii Keenyaa Godina Shawaa Lixaa magaalaa Ginciitti gaggeeffamaa jira.
Saganticharratti Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaafi naannoo argamaniiru.
Warshichi lafa heektaara 110 irratti Birrii biiliyoonni 22 oliin ijaarame.
Waggaatti oomisha heektoo liitira miiliyoona 3 ol oomishuu kan danda’u, teeknooloojiinis sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa kan ta’edha.
Dhaabbatichi waldaa akksiyoonaan kan hundaa’e yoo ta’u, abbootiin aksiyoonaa kuma 4 ol, waldaaleefi dhaabbileen hojii gamntaa waliin ta’uun kan hundeessani.
Yeroo ammaa namoota 250 oliif carraa hojii kan uume yoo ta’u guutummaan guutuutti gara hojiitti wayita seenu namoota kuma 1 carraa hojii ni uuma jedhameera.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.