Finfinnee, Waxabajjii 3, 2017(FMC)- Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen abbootiin qabeenyaa Armeeniyaa hojiilee invastimantii Itiyoophiyaarratti akka hirmaatan gaafatan.
Pireezidaanti Taayyeen Itti aanaa Ministira Dhimma Alaa Armeeniyaa Vahaan Koostaaniyaa waliin mari’ataniiru.
Vahaan Koostaaniyaan, ergaa pireezidaantii biyyattii Vahaagin Kaachaatuuriyaarraa ergame Pireezidaanti Taayyeef dhiyeessaniiru.
Marii isaaniinis, haala hariiroo biyyoonni lameen dameewwan diinagdee, aadaafi barnootaan qaban cimsuun danda’amurratti mari’atan.
Pireezidaanti Taayyeen biyyoonni lameen hariiroo seena qabeessa qabaachuu yaadachiisanii, hariiroo isaanii tumsawwan garaagaraan cimsanii kan itti fufan ta’uus hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan riifoormii diinagdee hundagaleessa hojiirra oolchaa jiraachuu kaasanii, abbootiin qabeenyaa Armeeniyaa hojiilee invastimantii Itiyoophiyaarratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Vahaan Koostaaniyaan gamasaaniin, biyyi isaanii hariiroo damdaneessa Itiyoophiyaa waliin qabdu gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf akka hojjettu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.