Finfinnee, Waxabajjii 15, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen yaa’ii Biiznasii Afrikaa fi Ameerikaa irratti hirmaachuu magaalaa guddoo Angoolaa Luwaandaa galan.
Pireezidaanti Taayyeen wayita Luwaandaa gahan hoggantoota olaanoo biyyattiin simannaa hoo’aan taasifameefira.
Hoggantoota biyyoota Afrikaa, ministiroota, hoggantoota olaanoo Mootummaa Ameerikaa fi hoggantoota dhaabbilee Biiznasii dabalatee hirmaattoonni kumni 1 fi 500 ol yaa’icharratti ni hirmaatuun eegama.
Yaa’ichi hariiroo Invastimantii fi Daldalaa Afrikaa fi Ameerikaa gidduu jiru caalmaatti kan cimsuu fi haala mijataa uumuuf mari’achuun kallattii yeroo itti aanuu kaa’urratti xiyyeeffata.
Pireezidaanti Taayyeen yaa’ichaan cinaatti mariiwwan waloo garaagaraa ni taasisuun kan eegamu ta’uu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.