Finfinnee, Waxabajjii 16, 2017 (FMC)- Dhaabbileen Ameerikaa hojiilee misooma qonnaa Itiyoophiyaarratti akka hirmaataniif Pireezidaantiin FDRI Taayyee Asiqasillaaseen waamicha dhiyeessan.
Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Yaa’ii Daldalaa Afrikaa- Ameerikaa Angoolaatti gaggeeffamaa jiruun cinatti marii paanaalii qonna Ameerikaa, nyaataa fi damee biizinasii cimsuuf gaggeeffamerratti hirmaataniiru.
Paanaalicharratti Ministira Muummee Kootidivaar Roobeerti Buugree Moombee fi Ministirri Muummee Estiwaastinii Ruuseel Miisoo Dilaaminiin dabalatee, Ameerikaa, Awurooppaa fi bakka buutonni dhaabbilee Afrikaa argamaniiru.
Pireezidaanti Taayyeen maricharratti, fedhii Ameerikaan Invastimantii Afrikaa guddisuuf qabdu dinqisiifataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.