Finfinnee, Amajjii 12, 2017 (FMC)-Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Tuuristoota Ayyaana Cuuphaa Magaalaa Goondaritti kabajamerratti hirmaatan waliin mari’ataniiru.
Pireezidaanti Taayyeen gamaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Ayyaana Cuuphaa hawwataa ta’erratti tuuristoota argaman waliin mari’ataniiru.
Tuuristoonnni kunneen turtii isaaniin, yadannoo hindagatamne fi ayyaanicha gammachuun dabarsuu isaanii ibsuufii eeran.
Ayyaanota Addabaabaayii akka Cuuphaa, duudhaalee fi aadaalee Itiyoophiyaa daran kan mul’isan ta’uu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia