Finfinnee, Guraandhala 5, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin Angoolaa fi dura taa’aan yeroo Gamtaa Afrikaa Jawoo Maanu’eel Goonkaalvees Looreensoon Finfinnee galaniiru.
Jawoo Maanu’eel Goonkaalvees Looreensoon Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee kan dhufan yoo ta’u, wayita isaan Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan simatamaniiru.
Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree ‘Dhiyeessii bishaanii itti fufiinsa qabuu fi sirnoota eegumsa qulqullinaa nageenyumaan isaa eegame mirkaneessuu, Milkaa’ina galmoota Ajandaa 2063’ jedhuun gaggeeffama.
Hoggantoonni biyyoota Afrikaa yaa’icharratti hirmaatan Magaalaa Guddittii Afrikaa Finfinnee seenaa jiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.