Pireezidaantiin Angoolaa Zyaawoo Looreensi Finfinnee galan

Finfinnee, Qaammee 1, 2017 (FMC) –Pireezidaantiin Angoolaa Zyaawoo Looreensi yaa’ii Hawaasa Afrikaa- Kaariibiyaan irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Zyaawoo Looreensi wayita buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee gahan Ministira Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiyoosiin simatamaniiru.

Yaa’iin Hawaasa Afrikaa- Kaariibiyaan 2ffaan mata duree “ Afrikaanotaafi Hidda Afrikaanotaaf Haqa Barbaaduuf Tumsa Ardiirra Cehu” jedhuun Boru Qaammee 2, 2017 Finfinneetti gaggeeffama.

Yaa’ichi biyyoonni Afrikaafi Kaariibiyaanii tumsa Kibba- Kibbaan hariiroo isaanii guddisuuf akkasumas hariiroo Afrikaan biyyoota Kaariibiyaanii waliin qabdu gara dippiloomaasiifi tumsa diinagdee cimaatti guddisuuf ni dandeessisa jedhameetu eegama.

Yaa’ichi surna Faayinaansii, Tuuriziimii, Hubannoo namtolchee irratti xiyyeeffachuun kan mari’atu ta’uutu ibsame

Ashannaafii Shibbiruutu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment