Pireezidaantiin Laayibeeriyaa Finfinnee dhufan

Finfinnee, Guraandhala 6, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Laayibeeriyaa Jooseef Yuumaa Buuyikaay Yaa’ii Idilee 38ffaa Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Pireezidaantichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministira Ministeera Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiriisiin simatamaniiru.

Yaa’ii Idilee 38ffaan Hoggantoota Gamtaa Afrikaa Guraandhala 8 – 9, 2017tti Finfinneetti taa’ama.

#Oromia #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment