Pireezidaantiin Seeneegaal Finfinnee galan

Finfinnee, Guraandhala 6, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Seeneegaal Baasiiruu Diiyoomaayyee Faayyeen Yaa’ii Idilee 38ffaa Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Pireezidaantichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministira Ministeera Haqaa Haannaa Ar’asillaaseen simatamaniiru.

Yaa’ii Idilee 38ffaan Hoggantoota Gamtaa Afrikaa Guraandhala 8 – 9, 2017tti Finfinneetti taa’ama.

Comments (0)
Add Comment