Pireezidaantiin Taanzaaniyaa Finfinnee galan

Finfinnee, Guraandhala 5, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin Taanzaaniyaa Saamiyaa Suuluhuu Hasan Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Pireezidaanti Saamiyaa Suuluhuu Hasan wayita Buufata Xiyyaaraa Idil addunyaa Boolee gahan Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamiiliin simatamaniiru.

Walga’ichi mata duree ‘Dhiyeessii bishaanii itti fufiinsa qabuu fi sirnoota eegumsa qulqullinaa nageenyumaan isaa eegame mirkaneessuu, Milkaa’ina galmoota Ajandaa 2063’ jedhuun gaggeeffama.

Hoggantoonni biyyoota Afrikaa yaa’icharratti hirmaatan Magaalaa Guddittii Afrikaa Finfinnee seenaa jiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment