Pireezidaantoonni naannolee eebbifamuu Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa hordofee ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Qaammee 4, 2017(FMC) – Pireezidaantoonni naannolee Itiyoohiyaa eebbifamuu Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa hordofee ergaa baga gammaddanii dabarsan.

Sanyiin har’a bayyanachuurratti facaafnu badhadhina dhaloota dhufuuf bu’uura kaa’a jedhan Pireezidaantiin Naannoo Hararii obbo Ordiin Badiriin.

Hidhaan Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa mallattoo cichoomina dhugaati jedhan Pireezidaantiin Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Nagaash Wagooshoon.

Gaabbiin barootaa murannoo hoggansaa fi ummataan gara injifannootti ce’eera jedhan.

Dhiiga, dafqa, dhamaatii fi murannoo Itiyoophiyaanotaan Hidhaan Guddichi Itiyoophiyaa xumuree eebbifamuu isaantti baga gammaddan jedhan.

Obsaa fi dhamaatiin qormaatilee ce’uun injifannoof geenya kan jedhan ammoo Pireezidaantii Naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaati.

Hidhichi agarsiiftuu jalqabbii bayyanannaa fi seenessa waloo dhaloota har’aa ta’uu eeran.

Dhiiga, dafqaa fi qabeenya keenyaan bu’uura cimaa dhaloota kabachiisu kaa’uu dandeenyarra jedhan obbo Araggaa Kabbadaan.

‎#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment